Dhimma ijoo ta'etti seeni

Hojjettoonni gargaarsa tolaa bakka hamma tokko nagaa qabutti manneen suphuu

MUDDEE 29, 2022
YUUKREEN

ODUU HAAREFFAME LAKKOOFSA #15 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuusaanii Itti Fufaniiru

ODUU HAAREFFAME LAKKOOFSA #15 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuusaanii Itti Fufaniiru

Waraanni Yuukreen Guraandhala 2022 erga jalqabee kaasee manneen Dhugaa Baatota Yihowaa gara 3,000 taʼu mancaʼeera ykn diigameera. Obboloonni, Hagayyatti qajeelfama Dippaartimantii Gargaarsa Yeroo Balaa fi Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo kennaniin Yuukreen keessaa bakka nagaa taʼetti manneen miidhaan irra gaʼe suphuu jalqaban. Hojichi baaxii manaa miidhame jijjiiruu, foddaa fi suphiinsa sasalphaa kaan kan dabalatudha. Yeroo tokko tokko, manni tokko yeroo diigamu garaajiin ykn barandaan isaa mana xinnoo taʼuu ni dandaʼa. Yeroo ammaatti piroojektiin ijaarsaa 37 kan xumurame yeroo taʼu 48 immoo hojjetamaa jiru.

Yeroo jeequmsi jiru keessa manneen kana suphuun baayʼee ulfaataadha. Taʼus obboloonni hojii gargaarsaa kana irratti hirmaachuu irraa of hin qusanne. Obboleettii Isvetlaanaa ishiin umurii waggaa 70 taatee fi Naannoo Kiyeev, Veliikaa Demeerikaa keessa jiraattu akkana jetteetti: “Baaxii mana kootii suphuu fi fuuldura manichaa bareechuuf qarshii hin qabu. Yihowaan wanta dinqisiisaa naaf godheera. Obboloonni koo dhufanii guyyaa sadii qofa keessatti ijaaranii xumuran.”

Obboleettii Naadiyaa Naannoo Kiyeev, Horeenikaa keessa jiraattu hojii gargaarsaa tajaajilaaf baayʼee akka isaan gargaare ibsiteetti. Akkana jetteetti: “Hojiin suphiinsaa namoota hedduudhaaf dhugaa baʼeera. Namoonni ani hin beekne illee waa‵ee jaalala dhugaa dhugaa Baatota Yihowaa gidduu jiruu dubbatu. Obboloonni koo na gargaaruu akka dhufan amanuun baayʼee isaanitti ulfaata.”

Obboloonni mana isaanii dhaban illee warra kaan gargaaraa akka jiran Yeevanii fi Tetiyaanaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Hiriyoonni gaaʼelaa kun manni isaanii misaaʼeliidhaan rukutamee diigame. Garuu waan dhaban irratti xiyyeeffachuu mannaa obboloota isaanii gargaaruudhaan qabamuu irratti xiyyeeffatan. Yeevan akkana jedheera: “Kakaʼumsi keenya inni guddaan yeroo hunda warra kaan gargaaruudha. Warra kaan tajaajiluun rakkina keenya dandamachuuf nu gargaareera.”

Mana dura turee fi erga haareffamee booda Naannoo Kiyiiv, Veliikaa Demeerikaa

Haaluma wal fakkaatuun, obboleettiin Liidiyaa jedhamtu Naannoo Kiyeev, Hostomeel keessatti obboloonni mana ishii erga suphanii booda fedhaan hojii gargaarsaa irratti hirmaachuu jalqabde. Akkana jetteetti: “Torban lamaaf gara obbolootaa fi obboleettota 16 kan taʼan mana koo suphuuf hojjechaa turan. Akkuma waan addunyaa haaraa gale natti dhagaʼame. Amma anis warra kaan gargaaruun barbaada.”

Dhiheenyatti Miseensi Koree Waajjira Damee Yuukreen tokko bakka hojiin gargaarsaa itti geggeeffamuu fi warra mana isaanii dhaban jajjabeessuun barbaachisu daawwatee ture. Akkana jedheera: “Obboloonni Yuukreen jiran yeroo hunda jaalala walitti argisiisuudhaan addadha. Waraanni kun garuu caalaatti akka walitti dhihaannu godheera. Gargaarsi obboloonni keenya argatan tajaajilaaf caalaatti isaan kakaasuun isaa akkuma 2 Qorontos 9:12 irratti caqasame ‘Waaqayyoof galanni hedduun akka dhihaatu godha.’”

Hanga Muddee 20, 2022​tti Yuukreenii gabaasni waliigalaa armaan gadii dhihaateera. Gabaasni kun odeeffannoo mirkanaaʼaa obboloota naannichaarraa argamerratti kan hundaaʼedha. Haa taʼu malee, obboloota naannoowwan biyyattii hunda keessatti argaman wajjin wal qunnamuun ulfaataa waan taʼeef, lakkoofsi isaa kanarrayyuu caaluu dandaʼa.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Babalʼistoonni 47 duʼaniiru

  • Babalʼistoonni 97 miidhaan qaamaa irra gaʼeera

  • Babalʼistoonni 11,477 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 590 guutummaatti badaniiru

  • Manneen 645 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen 1,722 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii 7 guutummaatti badaniiru

  • Galma Walgaʼii 19 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 68 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Yuukreenitti Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 26 jiru

  • Namoonni 54,212 Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaatiin bakka hamma tokko nagaa qabutti buufata argataniiru

  • Babalʼistoonni 26,892 biyyoota kaanitti kan baqatan yeroo taʼu obboloota isaaniitiin gargaaramaa jiru