EBLA 27, 2022
YUUKREEN
Obboloonni Ija Jabinaan Miʼa Gargaarsaa Geessaniiru, Obboloota Naannoo Waraanaa Yuukreen Keessa Jiranis Baasaniiru
Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun naannoowwan Yuukreen yeroo Guraandhala 24, 2022 waraanni kaʼee kaasee waraanni hedduun itti geggeeffamaa jiru keessa jiraatu. Gareen obbolootaa 21 magaalota Yuukreen Kiriimiinchuukii fi Poltaavaa jedhaman keessa jiraatan, obbolootaa fi obboleettota isaaniitti jaalala dhugaa argisiisaa jiru. Obboloonni kunneen obboloota isaanii naannoo waraanaa jiran oolchuu fi miʼa gargaarsaa raabsuuf naannoo waraanaa keessa qaxaamuruuf fedhii argisiisaniiru.
Torban jaʼa keessatti imalawwan gara 80 kan godhan yommuu taʼu, naannoowwan waraanni hedduun itti geggeeffamaa jiru, kanneen akka Kaarkiiv jiran gaʼuuf gara kiiloomeetira 50,000 taʼan deemuudhaan obboloota gara 400 taʼan oolchuu dandaʼaniiru.
Hanga ammaatti, nyaata, qoricha, bobaʼaa fi wantoota kan biroo kiiloogiraama 23,000 taʼan geessaniiru. Obboloonni imala kam iyyuu jalqabuu isaanii dura, naannoowwan waraanni itti geggeeffamaa jiru irra akka hin deemneef, karaan balaadhaaf isaan hin saaxille isa kam akka taʼe of eeggannoodhaan qoratu. Bakkawwan konkolaataawwan itti sakattaʼaman waan dhaabbataniif Imalli isaanii tokko gara saʼaatii 19 isaanitti fudhachuu dandaʼa.
Yeroo imalanitti, xiyaarawwan waraanaa mataa isaanii irra balali‵u. Obboloonni gamoowwan boombiidhaan barbadeeffaman, taankiiwwanii fi konkolaataawwan gubatan ni argu. Yeroo tokko tokko, obboloonni naannoo isanitti dhihoo jiru irraa boombiin yommuu dho‵u lafti yeroo sochoʼu isaanitti dhagaʼama.
Ebla 2, 2022, Roomaan obbolootaa fi obboleettota Kaarkiiv jiraniif miʼa gargaarsaa geessuuf utuma qophaaʼaa jiruu misaaʼeliin karaa irratti roobuu jalqabe. Gamoo isatti dhihoo jiru tokko keessa dhokate. Daqiiqaa 30 booda daandiin konkolaataa irra ofuuf jedhee ture boombiidhaan akka rukutame arge.
Volodmiir inni obboloota fedhiidhaan konkolaachisan keessaa tokko taʼe haala balaadhaaf nama saaxilu sana ilaalchsee, “Murtoo gaarii gochuuf akka nu gargaaruuf Yihowaan ogummaa akka nuuf kennu yeroo baayʼee kadhanna ture” jechuudhaan dubbateera.
Oleeksaandar haadha manaa isaa Vaalantiinaa fi warra isaa maanguddoo taʼanii wajjin Kaarkiiv jiraatu turan. Yeroo waraanaa sanatti karaa foddaa mana isaanii fageenya gara meetira 100 irraa dho‵iinsi isaanitti dhagaʼama. Maatichi konkolaataa waan hin qabneef magaalaa sana keessaa baʼuu hin dandaʼan turan.
Achiis obboloonni dhufanii magaalichaa keessaa isaan baasan. Oleeksaandar, “Obboloota nu gargaaran waan nuu kenneef kadhannaadhaan Yihowaa galateeffanne” jedheera.
Vaasil, haadha manaa isaa Naataaliyaa fi ijoollee isaanii sadanii wajjin guyyoota hedduudhaaf mana isaanii isa kutaa lafa jalaa qabu keessa dhokatanii turan. Guraandhala 29, 2022tti bakkuma dhokatan sana utuu jiranii, naannoo mana isaaniitti dhihoo jiruu irraa boombiin dho‵e. Sochoʼini dho‵iinsichaa mana isaanii jijjigse. Vaasil sagalee dho‵iinsaa guddaa sana dhagaʼuu isaa fi ibsaan kutaa mana jalaa sanaa hundi dhaamuu isaa akka arge ni yaadata.
Waraanichi hamma tokko yommuu qabbanaaʼu, maatichi gara kutaa lafa jalaa gamoo ollaa isaanii jiru dhaqan. Bitootessa 3, 2022tti obboloonni maatii sana arganii naannoo biyyattii keessa bakka nagaan jiru biraatti isaan geessuu dandaʼaniiru.
Vaasil maatiin isaa bakka sanaa bakka nagaa taʼetti yommuu geeffaman wanta isatti dhagaʼame akkana jechuudhaan dubbateera: “Yihowaa guddaa galateeffanna. Dhiphina waaʼee nageenya ijoollee keenyaa yaaddaʼuudhaan, torban tokkoo isa gara waggaa tokkoo nutti fakkaate dabarsinee booda yeroo jalqabaatiif nagaadhaan irbaata nyaachuu dandeenyeerra.”
Oleeksaandar inni konkolaachistoota keessaa tokko taʼe, ergamni obboloota magaalota keessaa baasuu isaaniif kenname tokkummaa saba Yihowaa gidduu jiru akka isaaf mirkaneesse dubbateera. Akkana jedheera: “Kun Yihowaan saba isaatiif kunuunsa akka godhu hubachuuf na gargaareera. Galateeffannaa fuula obbolootaa fi obboleettota keenya irra jiru arguun koo baayʼee na gammachiiseera.”
Obboloota keenya ija jabeeyyii taʼan guddaa galateeffanna, akkasumas Yihowaan jaalalaa fi ija jabina isaan argisiisaniif akka isaan eebbisu ni kadhanna.—Roomaa 12:10.