Dhimma ijoo ta'etti seeni

Naataaliyaanii (karaa bitaa) fi intalli ishii Habriʼeelaan waraanichi erga jalqabee booda rakkinni diinagdee isaan mudatus babalʼistoota qeʼee isaaniirraa buqqaʼan mana isaaniitti simataniiru

ADOOLESSA 20, 2022
YUUKREEN

Obboloonni Qabeenya Baayʼee Qabaachuu Baatanis Warra Kaan Gargaaraa Jiru

Obboloonni Qabeenya Baayʼee Qabaachuu Baatanis Warra Kaan Gargaaraa Jiru

Dhugaa Baatonni Yihowaa gara 47,000 taʼan waraana Yuukreen keessatti geggeeffamaa jiruun kan kaʼe qeʼee isaaniirraa buqqaʼaniiru. Obboloonni hedduun biyyattii keessaa gara naannoo waraanni hin jirreetti baqataniiru; achittis obboloonni isaanii uffata, nyaata, iddoo buufatanii fi wantoota barbaachisoo taʼan kan biroo isaaniif kennaniiru. Obboloonnii fi obboleettonni keessummoota simachuu jaallatan kun rakkinni diinagdee isaan mudachaa kan jiru taʼus obboloota gargaarsi barbaachisu gargaaruuf fedhiidhaan of dhiheessaniiru.

Oolaa (karaa mirgaa) obboloota qeʼee isaaniirraa buqqaʼan wajjin

Oolaan ishiin Yuukreen magaalaa Umaan keessa jiraattuu fi abbaan manaa ishii inni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane jiʼoota jalqabaa lamaan waraanichi jalqabetti walumaa galatti babalʼistoota 300 taʼan mana isaaniitti simataniiru. Obbolootaa fi obboleettota qeʼee isaaniirraa buqqaʼan kana keessaa hedduun isaanii halkan tokkoof qofa isaan bira buufatanii imala isaanii itti fufan. Yeroo baayʼee Oolaan namoonni gara mana isaanii dhufaa akka jiran kan ishiitti himamu halkan walakkaa obboloonni dhufuu isaanii dura jiruttidha. Yeroo tokko Oolaan takkaatti obbolootaa fi obboleettota 22 mana ishiitti simatteetti. Haalli kun mucaan ishii waggaa 18 Istaanislaav carraa itti warra kaanitti arjummaa argisiisu isaaf baneera. Obboloonni qeʼee isaaniirraa buqqaʼan siree isaarra akka rafaniif yeroo baayʼee lafa rafa ture.

Oolaan akkana jetteetti: “Yeroo rakkisaa taʼe kanatti saba Yihowaa gargaaruu dandaʼuun koo gammachuu guddaa naaf argamsiiseera. Baayʼee gammadeera.”

Liyuudmiilaa fi Andirii

Andirii fi haati manaa isaa Liyuudmiilaan torbee shan keessatti Dhugaa Baatota Yihowaa 200 mana isaaniitti simataniiru. Gaaf tokko halkan tokkotti nama 18 simataniiru. Andiriin akkana jedheera: “Akkuma qajeelfama waajjirri damee nuuf kennetti nyaata kuufanne muraasa qabna turre. Torbee tokkoo fi walakkaadhaaf obboloota qeʼee isaaniirraa buqqaʼan keessummeessuuf itti fayyadamneerra. Obboloonni yeroo deeman kaardii barreessanii maallaqa wajjin nuu kennu turan; nutis maallaqa sana keessummoota itti aananii dhufaniif nyaata arganne kamiyyuu bituuf itti fayyadamna. Koreen Gargaarsa Yeroo Balaas nyaata waan dhiheesseef wanti nutti hirʼate hin jiru.”

Jiʼa Bitootessaatti Viitaan ishiin magaalaa Ivaanoo Firaankiivisk jiraattu Dhugaa Baatonni Yihowaa qeʼee isaaniirraa buqqaʼan mana ishii keessa akka jiraataniif mana ishii gadhiistee obboleettii ishii wajjin jiraachuu jalqabde. Viitaan akkana jetteetti: “Kana akka aarsaatti utuu hin taʼin karaan jaalala koo itti ibsu akka taʼettan ilaala. Wantin obboloota qeʼee isaaniirraa buqqaʼaniif godhe gammachuu naaf argamsiiseera. Hundi keenya maatii tokkodha.”

Naataaliyaan abbaa manaa ishii fi intala isaanii Habriʼeelaa wajjin magaalaa Ternopiil keessa jiraatti. Hundi isaaniiyyuu yeroo waraanichi jalqabetti hojii isaanii waan dhabaniif wanta isaan barbaachisu argachuuf maallaqa qusatanii turan keessaa baayʼee isaa fayyadamaniiru. Taʼus, obboleettii qeʼee ishiirraa buqqaatee fi intala ishii hirʼina qaamaa qabdu fedhiidhaan mana isaanitti simataniiru.

Viitaa (karaa mirgaa) Dhugaa Baatota qeʼee isaaniirraa buqqaʼanii fi yeroo ishiin fira ishii wajjin jiraattutti mana ishii buufatan wajjin

Naataaliyaan akkana jetteetti: “Muuxannoo obboleettii hiyyeettii Afrikaa keessa jiraattuu fi obboloota walgaʼii naannootiif dhufan 14 mana ishiitti simattee nan yaadadha, wanti isaaniitti hirʼate hin jiru ture.” Naataaliyaan muuxannoon obboleettii sanaa fedhii warra kaaniitiif dursa kennuuf akka ishii gargaare ibsiteetti.

Obboloonnii fi obboleettonni Yuukreen haala rakkisaa keessa kan jiran taʼus ‘keessummoota simachuu amaleeffachuudhaan’ Yihowaatti akka amanaman argisiisaa jiru.—Roomaa 12:13.