Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboloonni keenya Kaarkiiv, Yuukreen jiran boombii jalaa dhokataa utuu jiranii

BITOOTESSA 3, 2022
YUUKREEN

Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

Guraandhala 24, 2022 Raashiyaan Yuukreen weerarte. Yuukreen keessa ijoollee isaanii dabalatee Dhugaa Baatonni Yihowaa 129,000 ol taʼan jiru. Waajjirri damee obboloota keenyaaf gargaarsa namoomaa dhiheessuuf Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa 27 hundeesseera. Dabalataanis, obboloonni keenya yeroo rakkisaa kanatti walii isaanii fi olloota isaaniif karaa qaamaas taʼe karaa miiraa gargaarsa gochuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochaa jiru.

Obboloonnii fi obboleettonni hedduun biyyichuma keessa kan jiran taʼus, obboloonni tokko tokko garuu biyyaa baʼuu filataniiru. Obboloonni biyyaa baʼuuf deemaa jiran kellaa itti sakattaʼaman gaʼuuf hiriira gara kiilomeetira 30 dheeratu keessa hiriiranii gara guyyaa sadii ykn afurii eeggachuun isaan barbaachiseera. Babalʼistoonni naannoo sanaa obboloota hiriira eeggachaa jiran barbaadanii argachuudhaan nyaata, bishaanii fi wantoota barbaachisoo kan biroo isaaniif dhiheessaniiru. Obboloonni yeroo daangaa ceʼanii biyyoota ollaa seenan immoo, Dhugaa Baatota biyyoota sanaa mallattoo jw.org qabatanii fi gargaarsa barbaachisu isaaniif gochuuf qophaaʼoo taʼaniin simatamaniiru.

Obboleettota keenya Poolaandii (bitaa) fi Isloovaakiyaa (mirga) obboloota Yuukreenii baqataniif gargaarsa gochuuf eegaa jiru

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe

  • Obboleessi keenya Peetroo Moozuul inni gurri isaa hin dhageenyee fi tajaajilaa gumii taʼe yeroo boombiin buʼutti ajjeefameera

    Kan nama gaddisiisu Kaarkiivitti, yeroo boombiin buʼu obboleessi gurri isaa hin dhageenye tokko kan duʼe yeroo taʼu, haadha manaa isaa irra immoo miidhaa cimaan gaʼeera

  • Dabalataanis obboleettonni 3 miidhamaniiru

  • Babalʼistoonni 5,000 ol taʼan mana isaanii dhiisanii deemuuf dirqamaniiru

  • Manneen 2 barbadaaʼaniiru

  • Manneen 3 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen 35 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 2 irra miidhaan gaʼeera

  • Babalʼistoonni hedduun humna ibsaa, tajaajila bilbilaa fi bishaan dhabaniiru

Hojii Gargaarsaa

  • Yuukreenitti Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa 27 hundaaʼeera

  • Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa babalʼistoonni 867 iddoo waraanni hin jirretti bakka jireenyaa akka argatan gargaareera

  • Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa wantoota barbaachisoo kan akka nyaataa fi bishaanii dhiheessuuf hojjetaa jira

Lakkoofsonni olitti ibsaman gabaasa jalqaba baʼe irratti kan hundaaʼani dha

Obboloonnii fi obboleettonni jaalala obbolummaa yeroo argisiisanitti, haala amansiisaa hin taanee fi dhiphisaa taʼe kana dandamachuuf ogummaa fi hubannaa qabaachuu isaanii akka itti fufan ni kadhanna.—Fakkeenya 9:10; 1 Tasalonqee 4:9.