SADAASA 14, 2022
ZAAMBIYAA
Kitaabni Qulqulluun Afaan Giriikii Afaan Mubuundaatiin Baʼe
Sadaasa 5, 2022tti, miseensa Koree Waajjira Damee Zaambiyaa kan taʼe obboleessi keenya Keefaas Kaaliindaan, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii afaan Mubuundaatiin akka baʼe beeksise. Kitaabni kun akka baʼe kan beeksifame sagantaa dursee waraabamee fi namoonni 1,500 ol taʼan hordofan irratti ture. Akkuma baʼeen, kitaabicha bifa dijitaalaatiin buufachuun akka dandaʼamu taasifame. Isa bifa maxxansaan qophaaʼemmoo Amajjii 2023 kaasee argachuun ni dandaʼama.
Afaan Mubuundaa baayʼinaan Angoolaa fi Zaambiyaa keessatti dubbatama. Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota afaan Mubuundaa dubbatan yeroo jalqabaatiif kan haasofsiisan bara 1930n keessa, Kaaba Roodeeshiyaa (ishii yeroo harʼaa Zaambiyaa jedhamtu) keessatti ture. Gareen Hiikkaa afaan Mubuundaammoo bara 2014tti hundeeffame. Waajjirri Hiikkaa Fagoo, Monguu ishii Lixa bulchiinsa Zaambiyaatti argamtu keessatti argama.
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikiitiin alatti afaan Mubuundaatiin Kitaaba Qulqulluu hiika tokko qofatu jira. Taʼus, kitaabichi bituuf miʼaa, hubachuufis ulfaataadha. Kanaan kan kaʼes, kitaabni kun baʼuusaa dura, Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan Mubuundaa dubbatan, Hiika Addunyaa Haaraa afaan kan biraatiin qophaaʼe dubbisu turan.
Obboloota Kitaaba kana hiikan keessaa tokko, hiika haaraa kana ilaalchisee akkana jedheera: “Jechoota namaaf galan, ifaa fi dubbisuuf salphaa taʼanitti fayyadama, hunda caalaammoo, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu sirrii taʼan qabateera.”
Obboleessi hiika kanarratti hirmaate kan biraan immoo, Kitaaba kanaan dura turetti fayyadamuun ulfaataa kan taʼe maaliif akka taʼe yeroo dubbatu akkana jedheera: “Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu kanaan duraarra maqaan Yihowaa iddoo tokkottillee hin argamu. Kanaa mannaa, waaʼee Yihowaa yeroo ibsu maqaa ulfinaa ‘Gooftaa Keenya Waaqayyo’ jedhutti fayyadama. Kunimmoo, namoonni maqaa Waaqayyoo baruun akka isaanitti ulfaatu godheera. Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii inni haaraan garuu maqaa Waaqayyoo siʼa 237 caqasa.”
Hiikni haaraan kun obboloota fi obboleettota keenya afaan Mubuundaa dubbatan caalaatti Yihowaatti akka dhiheessuu fi amantii isarratti qaban caalaatti akka isaaniif cimsu ni amanna.—Yaaqoob 4:8.