Dhimma ijoo ta'etti seeni

EBLA 12, 2021
ZAAMBIYAA

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Maambuwee Luunguutiin ni Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Maambuwee Luunguutiin ni Baʼe

Ebla 3, 2021⁠tti, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Maambuwee Luunguutiin bifa elektiroonikiitiin ni baʼe. Sagantaa dursee waraabamee fi babalʼistoota Zaambiyaa fi Taanzaaniyaatti argamaniif tamsaafame irratti obboleessi Albarti Musondaa inni miseensa Koree Waajjira Damee Zaambiyaa taʼe Kitaabni Qulqulluun kun baʼuu isaa beeksiseera. Zaambiyaa keessa babalʼistoota Afaan Maambuwee Luunguu dubbatan 2,531 kan jiran yeroo taʼu, Taanzaaniyaa keessa immoo, babalʼistoota afaan kana dubbatan 325tu jira; Taanzaaniyaatti afaan kun Afaan Fiipaa jedhamees ni beekama.

Gareen obboloota hojii hiikkaa hojjetan sadii qabate, hojii hiikkaa kana hojjetee xumuruuf jiʼa 21 itti fudhateera. Obboleessi hojii hiikkaa hojjetu tokko Kitaabni Qulqulluun Afaan Maambuwee Luunguutiin argamu jechoota duriitti waan fayyadamuuf, namoonni tokko tokko hubachuun akka isaan rakkisu dubbateera. Obboleessi hojii hiikkaa hojjetu kan biraan immoo Hiika Addunyaa Haaraa isa reefuu baʼe ilaalchisee, “Kitaabni Qulqulluun kun jechoota namoonni guyyaa guyyaadhaan dubbatanitti fayyadama” jedheera.

Kennaa gaariin Yihowaa biraa argame kun namoonni Afaan Maambuwee Luunguu dubbisan hedduun Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame dubbisuudhaan gammachuu akka argatan akka gargaaru ni amanna.—Faarfannaa 1:2.