Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 106

Jaalala Guddifadhaa

Jaalala Guddifadhaa

(1 Qorontos 13:​1-8)

  1. 1. Amalawwan Waaqaa horachuuf

    Ni kadhanna isa fakkaachuuf,

    Jaalalli ni caala hundumaa;

    Hafuura Waaqaatiin argama.

    Dandeettiif jabina qabaannus,

    Jaalala dhabnaan gati⁠i⁠ʼn qabnu.

    Jaalala dhugaa qabaachuudhaaf

    Kadhanna dubbiif gochaan ibsuuf.

  2. 2. Jaalalli dursa kenna kaaniif;

    Carraa barbaada tolaan kennuuf.

    Jaalal⁠l⁠ʼ haaloo waan hin qabanneef,

    Dhiifama goona obbolootaaf.

    Balleessaa namaaf irraanfata,

    Waan hundumaa dand⁠a⁠ʼee baata.

    Qorumsa hunda dandamata;

    Matuma⁠a⁠ʼn kufu ni dhaabbata.

(Dabalataan, Yoh. 21:17; 1 Qor. 13:13; Gal. 6:2 ilaali.)