Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 107

Fakkeenya Jaalalaa

Fakkeenya Jaalalaa

(1 Yohaannis 4:19)

  1. 1. Waaqa keenyarraa jaalala baranna,

    Nuu taʼe fakkeenya.

    Waan godhe hundaan nutti argisiise,

    Jaalalasaa nu barsiise.

    Dhiifama gochuuf, cubbuu nurraa haquuf,

    Ilmasaa isa jaallatu kenne nuuf.

    Jaalala qabu kanaan mirkaneesse.

    Jaalala dha daandiin nuuf ibse.

  2. 2. Karaasaa deemnaan, jaalallʼ waliif qabnu,

    Kan dhugaa ni taʼa;

    Yaaduuf kakaasa obboloota hundaaf,

    Ni jaallanna guddaaf xinnaa.

    Obbolootaa fi Waaqa haa jaallannu,

    Tokko jaallannee tokko dhiisuuʼn qabnu.

    Dhiifama goona obboloota keenyaaf,

    Ni mulʼisna jaalala qabnu.

  3. 3. Waan wal jaallanneef, maatii tokko taane,

    Tokkummaa qabaanne.

    “Kottaa ilaalaa tokkummaa ʼsa dhugaa”

    Nuun jedheera Waaqni keenya.

    Kottaa gammachuuf jaalala argadhaa;

    Nu qulqulleessa, Dubbiif hafuurrisaa.

    Nu yaadachiisu obboloonni keenya,

    Akka taʼe Waaqni jaalala.

(Dabalataan, Rom. 12:10; Efe. 4:3; 2 Phe. 1:7 ilaali.)