Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 110

‘Gammachuu Waaqayyo Kennu’

‘Gammachuu Waaqayyo Kennu’

(Nahimiyaa 8:10)

  1. 1. Mootummichi dhihaateera ni beekna.

    Misiraachoo hundattʼ himna.

    Mataa ol qabaa hawwiidhaan ilaalaa;

    Dhihaate yeroon fayyinaa!

    (BUUSAA)

    Gammachuun Waaqni kennu nu cimsa.

    Sagalee guddaadhaan faarsaa.

    Abdichaaf galateeffadhaa, gammadaa,

    Jajaa Waaqa uume waan hundaa.

    Gammachuun Waaqni kennu nu cimsa.

    Beekaa innʼ hunda caaluusaa.

    Waaqaaf Mootii keenya dha isaaf bulla,

    Gammannee isa tajaajilla.

  2. 2. Michoonnisaa Yihowaattʼ amanamaa.

    Hin sodaatinaa matumaa.

    Ol kaʼaa sagalee keessan guddisaa;

    Gammachuudhaan Waaqa faarsaa!

    (BUUSAA)

    Gammachuun Waaqni kennu nu cimsa.

    Sagalee guddaadhaan faarsaa.

    Abdichaaf galateeffadhaa, gammadaa,

    Jajaa Waaqa uume waan hundaa.

    Gammachuun Waaqni kennu nu cimsa.

    Beekaa innʼ hunda caaluusaa.

    Waaqaaf Mootii keenya dha isaaf bulla,

    Gammannee isa tajaajilla.