Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 112

Yihowaa, Ati Waaqa Nagaa Ti

Yihowaa, Ati Waaqa Nagaa Ti

(Filiphisiyus 4:⁠9)

  1. 1. Waaqa jaalalaa ti,

    Nagaa nuu fiduuf jetta.

    Hafuura kee nuu kenniitii,

    Firiisaa ni godhata.

    Amantiin Ilma kee

    Jaallatturratti qabnu,

    Michoota kee nu godheera;

    Sit⁠t⁠ʼ akka araaramnu.

  2. 2. Hafuura nuu laattuun

    Dubbii kee ni hubanna.

    Addunyaa kana keessatti

    Eegumsa kee arganna.

    Hamma waraannii fi

    Sodaan balleeffamutti,

    Carraaqqii keenya eebbisi

    Haa jiraannu nagaatti.

  3. 3. Samiif lafarratti

    Michoota kee sassaabde,

    Hafuura keen tokko taane

    Himuuf Mootummaa dhaabde.

    Waraana balleessa

    Dhihootti bulchiinsi kun.

    Achiis garraamonni nagaan

    Jiraatu bara baraan.