Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 113

Nagaa Qabnu

Nagaa Qabnu

(Yohaannis 14:27)

  1. 1. Waaqa nagaaf tokkummaa,

    Yihowaa faarsaa.

    Lola hunda balleessa,

    Nagaa dagaagsa.

    Yesuus angafni nagaa,

    Gara laafessa.

    Haqaaf lolee yoo moʼu,

    Nagaa ni buusa.

  2. 2. Lolarraa fagaanneerra;

    Arrabsoos dhiisne.

    Meeshaa waraanaa hunda

    Kan nagaa goone.

    Nagaan akka hin badne

    Dhiifama goona.

    Nu hoolota Yesuusi,

    Nagaa qabaanna.

  3. 3. Waaqni nu eebbisuusaa

    mulʼisa nagaan.

    Ajajasaa raawwanna,

    Nu gammachuudhaan.

    Mootummaan Waaqaa nagaa

    Ni fida lafaaf,

    Hammasitti carraaqna

    Nagaan jiraachuuf.

(Dabalataan, Far. 46:9; Isa. 2:4; Yaq. 3:17, 18 ilaali.)