Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 152

Mana Kabaja Siif Fidu

Mana Kabaja Siif Fidu

(1 Mootota 8:27; 1 Seenaa Baraa 29:14)

  1. 1. Yihowaa, Uumaa samiif lafaa,

    Samiin akkamiin si baata?

    Ejjeta miilla keeti lafti.

    Maarree akkamiin si baatti?

    Wiirtuu waaqeffannaa kanatti

    Kabaja guddaa siif laanna.

    Tokkummaadhaan si tajaajilla;

    Kanattis baayʼee gammanna.

    (CEESISA)

    Harka kee balʼistee

    Arjummaadhaan nuuf laatte.

    Wantuma nuuf kennite

    Deebisnee siif laanne.

    (BUUSAA)

    Waan goote hundaaf galatoomi;

    Ulfina guddaas argadhu.

    Manni kabaja siif fidu kun

    Abdii keenya haa dhugoomsu.

  2. 2. Yihowaa, baayʼee hawwaa turree

    Mana kana siif ijaarre

    Namoonni si waaqessan hundi,

    Sirraa baratu asitti.

    Kaayyoo kee galmaan gaʼuu feena.

    Ajaja kee ni raawwanna,

    Hojii addaa Yesuus nuuf kennes

    Fiixaan baasuu ni barbaanna.

    (CEESISA)

    Waan hunda siif laanna

    Yeroof qabeenya keenya.

    Kun hundi siif ni mala​—

    Yaa Waaqa jaalalaa.

    (BUUSAA)

    Waan goote hundaaf galatoomi;

    Ulfina guddaa argadhu.

    Manni kabaja siif fidu kun

    Abdii keenya haa dhugoomsu.