Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 153

Ija Jabina Naa Kenni

Ija Jabina Naa Kenni

(2 Mootota 6:16)

  1. 1. Sodaaf shakkiin qaba,

    Maaltu na eeggata?

    Haala sodaachisaa keessa

    Natti dhihoo jirta.

    Ulfaatus jireenyi,

    Lubbuun koo si harka;

    Yeroo hunda amanamaa

    Akka taate beeka.

    (Buusaa)

    Yihowaa naa kennʼ amantii,

    Sodaa naa balleessi;

    Kan nu wajjin jirantu caala

    Ija na jabeessi.

    Jabaadheen dhaabbadha

    Naa cimsi amantii.

    Yihowaa na jabeessi,

    Injifannoon kee ti.

  2. 2. Sodaan waan jiru dha,

    Ani dadhabaa dha.

    Ati dawoo koo tiʼn kufu,

    Irreen kee hin laafu.

    Ija na jabeessi,

    Goota na taasisi.

    Hidhaa fi awwaalli harʼaa

    Yeroof qofa tura.

    (Buusaa)

    Yihowaa naa kennʼ amantii,

    Sodaa naa balleessi;

    Kan nu wajjin jirantu caala

    Ija na jabeessi.

    Jabaadheen dhaabbadha

    Naa cimsi amantii..

    Yihowaa na jabeessi,

    Injifannoon kee ti.

    (Buusaa)

    Yihowaa naa kennʼ amantii,

    Sodaa naa balleessi;

    Kan nu wajjin jirantu caala

    Ija na jabeessi.

    Jabaadheen dhaabbadha

    Naa cimsi amantii.

    Yihowaa na jabeessi,

    Injifannoon kee ti

    Yihowaa na jabeessi,

    Injifannoon kee ti.