Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 29

Akka Maqaa Keenyaatti Jiraachuu

Akka Maqaa Keenyaatti Jiraachuu

(Isaayaas 43:10-12)

  1. 1. Waaqa ulfaataa, kan dandeessu hunda,

    Haqni, humniif jaalalli kee guddaa.

    Madda dhugaa fi ogummaa hundaa ti.

    Olaantummaan bitta samiirratti.

    Tajaajila keetti baayʼee gammanna;

    Dhugaa Mootummaa kee ni lallabna.

    (BUUSAA)

    Dhugaa Baatota, mirga guddaa qabna.

    Akka maqaa keenyaatti jiraanna.

  2. 2. Si tajaajiluu keenyaan waliin taanee,

    Jaalalaa fi tokkummaa qabaanne.

    Dhugaa barsiisnee ulfina kee ibsuun,

    Nutti tola maqaa kee guddisuun.

    Abbaa keenya, maqaa keetiin waamamuun,

    Nuuf ulfina waaʼee kee beeksisuun.

    (BUUSAA)

    Dhugaa Baatota, mirga guddaa qabna.

    Akka maqaa keenyaatti jiraanna.

(Dabalataan, Kes. 32:4; Far. 43:3; Dan. 2:20, 21 ilaali.)