Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 3

Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

(Fakkeenya 14:26)

  1. 1. Yaa Yihowaa abdii nuu laatte,

    abdii dinqisiisaa.

    Namni hundi abdii kana

    akka beeku feena.

    Garuu dhiphinni nurra gaʼu

    sodaa galcha nu keessa.

    Kunimmoo abdii nuu laatte

    nutti dukkaneessa.

    (BUUSAA)

    Abdiif, amanannaa,

    jabina keenya.

    Waan hirʼate kan nuu guuttu.

    Lallabnus, barsiisnus,

    sitt’ amanamna;

    Eeyyee sumatti hirkanna.

  2. 2. Egaa Yihowaa nu gargaari

    akka hin daganne,

    Jabina keenya taʼuu kee,

    yoo rakkoorra buune.

    Yaanni nama jajjabeessu kun

    lubbuu keenya haaromsa;

    Maqaa kee akka lallabnu

    ija nu jabeessa.

    (BUUSAA)

    Abdiif, amanannaa,

    jabina keenya.

    Waan hirʼate kan nuu guuttu.

    Lallabnus, barsiisnus,

    sitt’ amanamna;

    Eeyyee sumatti hirkanna.