Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 33

Baʼaa Kee Yihowaa Irratti Gatii Dhiisi

Baʼaa Kee Yihowaa Irratti Gatii Dhiisi

(Faarfannaa 55)

  1. 1. Yaa Yihowaa kadhaa kootti

    ‘Gurra kee naa jalʼisi.’

    Dhiphina koo naaf hubadhu,

    Sodaa na keessaa baasi.

    (BUUSAA)

    Yaaddoo kee Waaqatti gati;

    Amanami gargaarsasaatti.

    Yeroo hundumaa si eega.

    Amanamaa dha, dhugaa.

  2. 2. Utuun baallee qaba taʼee,

    Balaarraa nan baqadha,

    Warra ana miidhan jalaa,

    Lubbuu koo nan oolfadha.

    (BUUSAA)

    Yaaddoo kee Waaqatti gati;

    Amanami gargaarsasaatti.

    Yeroo hundumaa si eega.

    Amanamaa dha, dhugaa.

  3. 3. Yihowaan nu jajjabeessa,

    Nagaa sammuu nuu kenna.

    Baʼaa keenya nu gargaara,

    Jaalala qabeessa dha.

    (BUUSAA)

    Yaaddoo kee Waaqatti gati;

    Amanami gargaarsasaatti.

    Yeroo hundumaa si eega.

    Amanamaa dha, dhugaa.

(Dabalataan, Far. 22:5; 31:1-24 ilaali.)