Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 56

Dhugaa kan Ofii Godhadhu

Dhugaa kan Ofii Godhadhu

(Fakkeenya 3:1, 2)

  1. 1. Daandiin jireenyaa, hundarra kan caalu dha,

    Filachuun garuu gaʼee kee ti.

    Kanaaf fudhadhu gorsa Yihowaan kennu;

    Amani waan siin jedhutti.

    (BUUSAA)

    Kan ofii godhu,

    Dhugaa amanii fudhu.

    Gammachuu Waaqni

    Kennu dhandhami;

    Dhugaa kanaan jiraadhu.

  2. 2. Yeroof carraaqqiin tajaajilaaf oolchinu,

    Mootummaa Waaqaatiif kenninu,

    Buʼaa guddaa fi jireenya argamsiisa,

    Waan gaarii itti gammannu.

    (BUUSAA)

    Kan ofii godhu,

    Dhugaa amanii fudhu.

    Gammachuu Waaqni

    Kennu dhandhami;

    Dhugaa kanaan jiraadhu.

  3. 3. Waaqa duratti, nu hundi ijoollee dha

    Qajeelchisaa nu barbaachisa.

    Yeroo hundumaa isa faana deemuudhaan,

    Ni arganna eebba isaa.

    (BUUSAA)

    Kan ofii godhu,

    Dhugaa amanii fudhu.

    Gammachuu Waaqni

    Kennu dhandhami;

    Dhugaa kanaan jiraadhu.