Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 86

Yihowaa Irraa Barachuu Qabna

Yihowaa Irraa Barachuu Qabna

(Isaayaas 50:4; 54:13)

  1. 1. Hafuurri ‘Bishaan jireenyaa dhugaa’ jedha.

    Kottaa waaʼee Yihowaa baradhaa.

    Waaqni barumsa gaarii nuu kenne;

    Ni quufna warri dhugaa beelofne.

  2. 2. Nu hin dhiisnu walitti qabamuu keenya;

    Waan sirrii barachuu itti fufna.

    Asii obbolaaf hafuura ʼrganna;

    Ifaan jiraachuuf jajjabeeffamna.

  3. 3. Faarfannaa dhagaʼuun nama jajjabeessa.

    Gaarii dha dubbiin nama ogeessaa.

    Yeroo hundumaa gumii haa dhaqnu.

    Saba Waaqaa gidduuttʼ haa argamnu.

(Dabalataan, Ibr. 10:24, 25; Mul. 22:17 ilaali.)