Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 9

Yihowaan Mootii Keenya!

Yihowaan Mootii Keenya!

(Faarfannaa 97:1)

  1. 1. Gammadaa, Yihowaa ol kaasaa,

    Samiinis ni labsa qajeelummaasaa.

    Waaqa keenya jajuuf gammachuun faarfanna;

    Waaʼee hojiiwwansaa dubbanna.

    (BUUSAA)

    Yaa samii gammadi, yaa lafaa ililchi,

    Kan Yihowaa taʼe moʼichi!

    Yaa samii gammadi, yaa lafaa ililchi,

    Kan Yihowaa taʼe moʼichi!

  2. 2. Ulfinasaa sabootatt’ himaa;

    Yihowaan nu oolcha yeroo hundumaa.

    Yihowaan mootii dha; isa ni jajanna.

    Teessoosaa durattii saganna.

    (BUUSAA)

    Yaa samii gammadi, yaa lafaa ililchi,

    Kan Yihowaa taʼe moʼichi!

    Yaa samii gammadi, yaa lafaa ililchi,

    Kan Yihowaa taʼe moʼichi!

  3. 3. Mootummaansaa hundeeffameera.

    Ilmasaa dibame, moosifateera.

    Waaqoliin addunyaa hundi haa salphatan,

    Kophaasaa Waaqa dha Yihowaan.

    (BUUSAA)

    Yaa samii gammadi, yaa lafaa ililchi,

    Kan Yihowaa taʼe moʼichi!

    Yaa samii gammadi, yaa lafaa ililchi,

    Kan Yihowaa taʼe moʼichi!

(Dabalataan, 1 Sen. 16:9; Far. 68:20; 97:6, 7 ilaali.)