FAARFANNAA 9
Yihowaan Mootii Keenya!
-
1. Gammadaa, Yihowaa ol kaasaa,
Samiinis ni labsa qajeelummaasaa.
Waaqa keenya jajuuf gammachuun faarfanna;
Waaʼee hojiiwwansaa dubbanna.
(BUUSAA)
Yaa samii gammadi, yaa lafaa ililchi,
Kan Yihowaa taʼe moʼichi!
Yaa samii gammadi, yaa lafaa ililchi,
Kan Yihowaa taʼe moʼichi!
-
2. Ulfinasaa sabootatt’ himaa;
Yihowaan nu oolcha yeroo hundumaa.
Yihowaan mootii dha; isa ni jajanna.
Teessoosaa durattii saganna.
(BUUSAA)
Yaa samii gammadi, yaa lafaa ililchi,
Kan Yihowaa taʼe moʼichi!
Yaa samii gammadi, yaa lafaa ililchi,
Kan Yihowaa taʼe moʼichi!
-
3. Mootummaansaa hundeeffameera.
Ilmasaa dibame, moosifateera.
Waaqoliin addunyaa hundi haa salphatan,
Kophaasaa Waaqa dha Yihowaan.
(BUUSAA)
Yaa samii gammadi, yaa lafaa ililchi,
Kan Yihowaa taʼe moʼichi!
Yaa samii gammadi, yaa lafaa ililchi,
Kan Yihowaa taʼe moʼichi!
(Dabalataan, 1 Sen. 16:9; Far. 68:20; 97:6, 7 ilaali.)