Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 8

Yihowaan Dawoo Keenya

Yihowaan Dawoo Keenya

(Faarfannaa 91)

  1. 1. Yihowaan dawoo keenya,

    Isatt’ amanamna.

    Gaaddisni keenya isa;

    Isatti maxxanna.

    Sabasaatiif ni dhaabbata,

    Shakkii hin qabnu matumaa.

    Yihowaan dawoo keenya,

    Qajeelaa dha, amanamaa.

  2. 2. Kumaatama kan taʼan

    Badiisn’ yoo mudatu,

    Qajeeloof garraamonni,

    Eegumsa argatu.

    Kanaaf sodaachuu hin qabnu;

    Badiisni hin gaʼu nurra.

    Inni waan nu golboobeef,

    Eegumsasaa jala jirra.

  3. 3. Kiyyoo nu mudaturraa,

    Sodaa halkaniirraa,

    Xiyya akeekamurraa

    Inni nu baraara.

    Nurra hin jiru sodaachuun;

    Nu hin barbaachisu shakkuun.

    Yihowaan dawoo keenya,

    Eegumsasaa ni arganna.

(Dabalataan, Far. 97:10; 121:3, 5; Isa. 52:12 ilaali.)