Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 101

Tokkummaadhaan Waliin Hojjechuu

Tokkummaadhaan Waliin Hojjechuu

(Efesoon 4:3)

  1. 1. Addunyaa wal qoode keessaa,

    Waaqni nu waame garasaa.

    Tokkummaa fi nagaa qabna;

    Kun gammachuu kenna.

    Tokkummaa jaallanna;

    Wal taʼuu feena.

    Hojiin Yihowaa baayʼee dha;

    Yesuus gargaarsa nuu godha.

    Tole kan jennu haa taanu,

    Tokkummaa kan qabnu.

  2. 2. Tokko taʼuuf yoo kadhannu,

    Gaarummaas akka qabaannu,

    Jaalalli baayʼee dagaaga;

    Ni arganna nagaa.

    Nagaan ni haaromsa,

    Ni gammachiisa.

    Jaalala dhugaa qabaannaan,

    Nagaa nuu kenna Yihowaan.

    Tokkummaadhaan tajaajilla,

    Inni nu gargaara.

(Dabalataan, Mik. 2:12; Sef. 3:9; 1 Qor. 1:10 ilaali.)