Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 102

‘Warra Dadhaboo Gargaaraa’

‘Warra Dadhaboo Gargaaraa’

(Hojii Ergamootaa 20:35)

  1. 1. Nu hundi dadhabina

    Hedduu ni qabna.

    Taʼus Waaqni nuuf yaada,

    Jaalalas qaba.

    Gara laafessa dha,

    Jaalala qaba nuuf.

    Nus jaalala qabaanna,

    Kan dhiphataniif.

  2. 2. Namni jabaa fakkaatee

    Amantiin laafe,

    Isa jajjabeessinaan

    Ni cima dafee.

    Waaqnʼ isa kunuunsa;

    Hafuuraan ni cimsa.

    Nus garaa ʼsaaf haa laafnu,

    Haa jabeessinu.

  3. 3. Dadhaboo komachuurra,

    Gaarii haa taanu,

    Isaan jajjabeessina

    Yeroo ʼkkas goonu.

    Isaan jajjabeessuuf,

    Carraaqqii haa goonu.

    Gargaarree isaan dhaabuuf,

    Harka haa qabnu.